‎Gamtaan Awurooppaa dhibee vaayirasii Maarbarg ittisuuf deggersa akka taasisu beeksise

You are currently viewing ‎Gamtaan Awurooppaa dhibee vaayirasii Maarbarg ittisuuf deggersa akka taasisu beeksise

‎AMN PLUS-Sadaasa 25/2018

‎Jilli Gamtaa Awurooppaa dhimmoota sirna fayyaa Itoophiyaa cimsuu fi tattaaffii Ittisa Vaayirasii Maarbarg irratti deggarsa taasisuuf Ministira Fayyaa Itoophiyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa waliin mari’achuun isaa ibsame.

‎Daayirektoreetiin Waliigalaa Eegumsa Siivilii fi Hojii Gargaarsa Namoomaa Komishinii Awurooppaa (ECHO) Vaayirasii Maarbarg ittisuu dabalatee tattaaffii Itoophiyaan fooyya’insa fayyaaf taasistu cimsuuf deggarsa bal’aa akka taasisu beeksiseera.

‎Ministirri Fayyaa Dooktar Maqidas qophaa’ummaa yeroo muddamaa guddisuuf Jila Gamtaa Awurooppaa waliin kan mari’atan yoo ta’uu Ministeerri Fayyaa miidiyaa hawaasummaa isaan ibseera.

‎Dhimmoota hordoffi, kunuunsa dhibamtootaa, loojistikii fi dhimmoota biroo irratti waliin hojjachuuf waliigaluu isaanii eerameera.

‎Sirna fayyaa Itoophiyaa cimsuufi fuul-durattis qophii weeraraaf taasifamu fooyyessuuf tarkaanfiwwan yeroo dheeraa fudhatamuu malan irratti irratti mari’achuun isaanii ibsameera

‎Gamtaan Awurooppaa vaayirasii Maarbarg ittisuufi to’achuun akkasumas sirna fayyaa cimaa ijaaruu ilaalchisee michooma mootummaa Itoophiyaa wajjin qabu cimsuuf Itti dhiyeenyaan hojjechuuf murannoon qabaachuu mirkaneessaniiru

‎Madda: Ministeera Fayyaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply