Guyyaan Ayyaana Saboota, sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Hoosaanaatti Kabajama.
Magaalaan Hoosaanaas keessummoota Kabaja ayyaanichaaf gara isheetti dhufan “Habaayi Xummin Watakoo” jettee simachuuf qophooftee jirti.
Afaan Hadiyyaan “Habaayi Xummin Watakoo” jechuun Baga Nagaan Dhuftan jechuudha.
Magaalaattin Alaabaa Itiyoophiyaafi Naannooleen faayamun miidhagdeerti.
Guyyaan Ayyaana Saboota, sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Hoosaanaatti Sadaasa 29 mata duree “Waliigaltee Dimookiraatawaa, Tokkummaa Sabdaneessaaf” jedhuun akka kabajamu ibsameera.
Guddataa Ajjamaatu gabaase