Manguddoon Umrii ganna 90 Abbaan Gadaa Haadiyyaa Addisee Mandagoo, sirni jaarsummaa saba Haadiyyaa “Lambee Daannaa” akka jedhamu himan.
Abbaan Gadaa Saba Haadiyyaa Addisee Mandagoo AMN PLUS waliin turtii kan taasisan yoo garaagarummaan yaadaa ykn wal dhabdeen uumame sabni Haadiyyaa “Lambee Daannaan” dubbii furata jedhan.
Baay’inni jaarsota “Lambee Daannaa” irratti hirmaatanii 6 hanga 8 ta’uu akka danda’an ibsaniiru.
Garuu dhimmi ilaalamu cimaa yoo ta’e baay’inni jaarsolii dabalu akka danda’us Abbaan Gadaa Saba Haadiyyaa Addisee Mandagoo himaniiru
Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo isaaniitti kabajamuun akka isaan gammachiise ibsaniiru.
”Nuti lammileen Itiyoophiyaa waloofi tokkummaan yoo dhaabbanne laga kamuu ce’uu, gaara kamuu ba’uu dandeenya” kan jedhan manguddoon kuni” agarsiiftun kanaa ammoo injifannoo Adawaafi Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaati” jedhan.
Labatni har’aas nageenyaa eeguufi misooma irratti akka hirmaataniif Abbaan Gadaa Haadiyyaa kuni dhaamsa dabarsaniiru.
Guddataa Ajjamaatu gabaase