Pirezidaantiin Ameriikaa Doonaald Tiraamp badhaasa Nageenyaa Fifa jalqabaa injifatan.
Fifa’n Badhaasa Nageenyaa bara kana yeroo jalqabaaf kenne.
Sagantaa Carraa Ramaddii Waancaa Addunyaa 2026 irratti badhaasicha kan fudhatan D. Tiraamp, “Kun kabaja guddaa jireenya koo keessatti argadhedha” jedhan.
Addunyaarratti lubbuu miiliyoonotaa du’arraa baraarreerra kan jedhan Tiraamp, araara Koongoofi Ruwaandaa, kan Indiyaafi Paakistaan akka fakkeenyaatti eeruu BBCn gabaaseera.
Pirezidaantiin Fifa Jiyaanii Infaantiinoon badhaasa kana isaaniif kennuusaaniin “hojii guddaa hojjetteetta” jechuun dinqisiifatan.
Waancaan Addunyaa bara 2026 qopheessummaa Amerikaa, Kanaadaafi Meeksiikoon gaggeeffamuuf sirni carraa baasuu adeemsifamaa jira.
Tagany Bafiqaaduutiin