Kitaabni “Furaa Afaan Oromo’oo” waggoota 56 dura Dr. Sheek Mahaammad Rashaad Abdulleen barreeffame eebbifame

You are currently viewing Kitaabni “Furaa Afaan Oromo’oo” waggoota 56 dura Dr. Sheek Mahaammad Rashaad Abdulleen barreeffame eebbifame

AMN PLUS- Sadaasa 27/2018

Kitaabni Dr. Sheek Mahaammad Rashaad Abdulleetiin akka A.L.A bara 1969 barreeffame “Furaa Afaan Oromo’oo” kabaja waggaa 30ffaa Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaa irratti eebbifame.

Dr. Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee yeroo dukkanni garbummaa uummata Oromoo irra turetti namoota muraasa dammaquun bilisummaa Oromoof qabsaa’aa turan keessaa isaan tokko yommuu tahan, keessumaa gama Miidiyaafi Og-barruutiin warra hangafaa keessaa isaan tokko.

Keessumaayyuu, Raadiyoo jalqabaa Afaan Oromootiin Moqaadishoorraa akka tamsa’uufi qunee Afaan Oromoon barreessuun hayyuu oolmaa guddaa sabichaaf oolaniidha.

Kitaabni Furaa Afaan Oromo’oo kitaaba sirna qubeessuu Afaan Oromoo irratti akka ALAtti bara1969 Dr. Mahaammad Rashaad Abdulleeniin barreeffamee ol kaa’ame, ilma isaanii Shee Kaalid Rashaadiin akka maxxanfamu tahuun har’a eebbifameera.

Kitaaba kana Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa, Pirezidaantii Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinoloojii Adaamaa Dr. Lammii Guutaa fi Pirezidaantiin Yuuniversiitii Salaalee Dr. Fayyeeraa Dhinsaa waliin ta’uun eebbisiisaniiru.

Sirni kanarratti Yuunivarsiitiileen Oromiyaa keessa jiraniifi Dhaabbileen Mootummaafi Miti Mootummaa Faawundeeshii Dr. Sheek Mahaammad Rashaad Abdullee waliin tahuun kitaabichaa ummata biraan kan gahan tahuun ibsameera.

Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply