Guyyichi tokkummaa lammiilee cimsaa jira- Obbo Aganyew Tashaagar

You are currently viewing Guyyichi tokkummaa lammiilee cimsaa jira- Obbo Aganyew Tashaagar

AMN PLUS-Sadaasa 28/2018

“Guyyaan Sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa tokkummaa lammiilee jidduu ture cimsaa jira” jedhan Obbo Aganyew Tashaagar.

‎Simpooziyeemiin Guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hoosaanaatti taa’amaa jira.

‎Af-Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Ageenyew Tashaagar, Guyyaa Saboota,Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa kabajamuun Waloomaafi Tokkummaa cimsuun guddinaafi birmadummaa Itoophiyaaf akka dhaabbatan taasisaa jira jedhaniiru.

‎Ayyaanichi barii eebba Hidha Haaroomsa Guddicha Itoophiyaafi Piroojektootni gurguddoon yeroo itti eegalamanitti kabajamuun adda akka taasisu himan.

‎Waggoottan 19’n darban ayyaanni sabootaa, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa kabajame hariiroo lammiileen Itiyoophiyaa jiddu tures daran kan cimse ta’uus dubbatan Obbo Aganyew.

‎Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Aadde Faaxee Sarmooloo,Guyyaan Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itiyoophiyaa Guyyaa heerri itti ragga’uun sabootaaf mirga wal qixxummaa goonfachiise ta’u ibsaniiru.

‎”Agarsiiftun kanaa ammoo Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa hundeeffamuun mirga wal qixxummaa sabootaa kan mirkaneesseefi gaaffii ka’aa ture kan deebiseedha” jedhan.

‎Guddataa Ajjamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply