Mohaammad Saalaah garee Liivarpuuliin ala ta’e

You are currently viewing Mohaammad Saalaah garee Liivarpuuliin ala ta’e

AMN PLUS- Sadaasa 29/2018

Leenjisaan Liivarpuul Arnee Siloot Mohaammad Saalaah garee isaanii tapha Shaampiyoonsi Liigiif imaluun ala taasisan.

Saalaah leenjisaa Liivarpuul waliin hariiroo gaarii akka hin qabneefi kilabicha keessaa namni isa dhiibee baasuu fedhu akka jiru torban kana ifa gochuun ni yaadatama.

Liivarpuul tapha Shaampiyoonsi Liigii Inter Miilaan waliin qabuuf taphattoota gara Itaalii imalanu keessaa Saalaah akka baafame himameera.

Taphatichi Waancaa Afriikaaf gara biyyasaa deebi’uun dura carraa Liivarpuuliif hiriiruu argachuunsaa shakkisiisaadha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply