Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinooloojii Finfinnee Darajjee Ingidaa (PhD) ergama baruufi barsiisuu galmaan gahuuf indastiriwwan waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsan.
Yuunivarsiitiifi indastiriwwaan akka qaama tokkootti waliin qindoomuun yoo hojjetan bu’aan argamu olaanaa akka ta’e Dooktar Darajjeen ibsaniiru.

Barattootni yuunivarsiitichaas indastiriiwwan kanneen deemanii daawwachuun beekumsa qabatamaa argachaa akka jiran dubbataniiru.
Rifoormii diinagdee Itoophiyaa caalmaatti hojiirra oolchuuf walitti hidhamiinsi dhaabbilee barnootaafi indastiriiwwanii murteessaa akka ta’e Daayirektarri Hirmaannaa Hawaasaafi Qorannoo Ministeera Barnootaa Saraawit Handisoo (PhD) ibsaniiru.
Kanas galmaan gahuuf hojimaatan hogganamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitichi fooramiin mata-duree “Qorannoo, Kalaqaafi Misoomni Teekinooloojii Indastiriin Socho’u” jedhuun qopheesse adeemsifamaa jira.
Zallaqaa Oljirraatu gabaase