Milkaa’inootni argaman mallattoo cichoomina hooggansaati – Biqilaa Hurrisaa (PhD)

You are currently viewing Milkaa’inootni argaman mallattoo cichoomina hooggansaati – Biqilaa Hurrisaa (PhD)

AMN PLUS- Muddee 2 /2018

Hoggansii jijjiramaa yaada hara’aan karoorsee hojjetee hojjechiisuun waggotaa muraasa keessatti injifaannowwan gurguddaa galmeessisuu dandaa’eera jedhaan, Sadarkaa Miniistraatti Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Biqilaa Hurrisa (PhD).

Biyyi qabeenya bishaanii, qilleensa mijataafi biyyoo gabbataa akkasumas humna namaa misoomaaf ooluu danda’u qabattee sirnaan hoogganamuu dhabuun yeroo dheeraaf marammartoo hiyyummaa keessa turuu yaadachiisan.

Dooktar Biqilaan Turtii Addatti AMN PLUS Waliin Taasiisaniin hoggansii jijjiramaa gagga’ama dinagdee biyyattitti mudate tasgabbeessuuf rifoormii dinagdee taasiseen, humna jijjiiramaa mandhaaleen durfamuun hogganamuu diinagdee damdaneessa sochoosuu, sagantaa ashaaraa magariisaa, meeggaa pirojektoota ijaaruun qulqullina, baay’inaafi ariitiin xumuruu, oomishaalee alaa galuu kan biyya keessaan bakka buusuu,imaalaa wabii nyaataa mirkaneessuu, alergii guddisuu, dandaa’een dinaagdee daandiirraa maqee turee daandiittii  deebisuu danda’eera jedhan .

Dameelewwan Diinagdee Gooroo shananiif xiyyeeffannoo kennee hojii hojjatameen bu’aawwan diinagdee naannoofi biyyaa sadarkaa olaanaan fooyyessan argamuu himan.

Keessumattuu milkaa’inootni damee qonnaatiin mul’atan jiruufi jireenya lammilee biyyaatti jijjiirun, wagga murasaa dura gargarramtoota midhaan nyaataa miliyoonaa 27 turee yeroo amma gara miliyoona 3ttii hir’isuun danda’ameera jedhaniiru.

Kunis seenaa  biyya keenya yeroo dheeraaf kadhaaf harka diriirsuun beekamtu jijjiiruun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti akka ceetu taasiseera himaniiru.  Oomishaa buna dabalatee kuduraafi muduraa gabaa biyyaa alaatiif dhiyyessuun danda’ameen buna qoffarraa dollaarri biliyoona 2.6 argamuu danda’eera.

Walumaa galaa qoonni biyyatti of dandaa’ee qoonaa ummatasaa nyaachisuu, wabii nyaata uumuu, omisha qoonna alaa galuu hanbisuu dandaa’uu, akkasumaas carraa hojii miliyoonota umuufi lammilee biyyatti hiyyuummaa keessaa baasuu dandaa’u ta’uu himaniiru.

Damee Omishaa (Manufacturing) Keessatti immoo imaammatni indaastrii irra deebin akka sakkata’amu fi dhaabbileen omishaalee biyya alaatii galan bakka bu’an omishan haalaan akka jajjabeefamuu ta’eera. Kanaanis oomishni indaastirii biyyaa keessatti omishamuu dhibbantaa 14 turee yeroo amma gara dhibbantaa 45ttii ol guddachuu dandaa’eera jedhan.

Biyyaattiin waggotaa muraasaa keessaatti qoonnarraa gara indaastiriitti ceetee indaastirii irraa gara tajjaajjilattii akka ceetuu agarsiistuu hedduun kan jiruu ta’uus Dr. Biqilaa Hurrisaa dubbataniiru.

Gama Turizimiitiin qabeenyii turiziimii biyyaattiin qabdu kanaan duraa faayidaadhaan ala turan kanneen akka Masaraa Abbaa Jifaar, Holqa Soofumar, Fasilaadas fa’aan haroomsaamanii, miisoomuun harofnis itti dabalamee addunyaan akka ija  gara biyyattiitti naanneffatu taasifamuun maddaa galii taasifamuu eeran.

“Qabeenyi albuudaa seektara dagatamee akka madda walitti bu’insaatti ilaalamaa ture sharafa biyya alaa fiduu hin dandeenye, riifoormii taasifameen damee kanarratti hanqinoota gama dandeettii tekniikaan jiran furuu, seerota walitti dhufeenyi dhaabbilee albuuda omishaaniifi jirattoota naannoo ittin hogganamu qophessuu fi dhimma gatii albuudotaa irratti hojjechuun galii damee albuudaarraa argamu akka ol guddatuu taasifaameera. kanaanis warqee qoofaarraa sharafni biyya alaa doolaraa biliyoona 3.5 ol argamuun danda’ameera” jedhan.

Gama Diinagdee Dijitaalaatiin tirannaadhan osoo  hin taanee  saffisaan bakka adunyaan gahe gahuuf hojii hojjetameen  bu’aa guddaan galma’uu kaasan.

Lammileen biyyaatti kaffaltii kamuu karaa dijitaalaatiin kaffaluu dandaa’aaniru.  kana keessatti koodaroota miliyoona 5 leenjisuuf karoorfameen koodaroota miliyoona 2.5 ol leenjii fudhateera. diinagdee dijitalaa madda dinaagdee ta’uun, dingadee biyyaa utubaa dinagdeen qonnafi indastirii akka ariifatan taasisaa jira jedhan.

Aadaa siyaasaa walqoodinsaa, shiraafi wal ajjeechaa biyya kanatti lafa qabatee ture, aadaa siyaasaa gochaafi yaadaatti jijjiiruuf qabatamaan socho’uu himuun, hawwiilee garagaraa sabootafi sablammoota itiyoophiyaa walfaallessuu danda’an falaasama ida’amuutiin walsimsiisuun milkaa’inoota hundagaleessa hedduu beekamtii idil-addunyaa argatanis dhugoomsuu himan Dr. Biqilaan.

Rifoormiiwwan gurguddaa damee hundaan hojiirra oolfman hordoofee injiffannoo milkaa’aan haroomsa itoophiyaa sadarkaa idil-addunyaatti olkaase gama siyaasaa, dinaagdee, hawaasummaafi dippilomaasiitiin galmaa’uu dandaa’eera jedhan.

Tsahaay Zawudeetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply