Marii Uummataa magaalaa Adaamaatti taa’ame irratti kan argaman Ministirri Turizimii Aadde Salamaawwit, hojii misoomaa magaalaa Adaamaatti hojjatamaa jiruun magaalittiin kan durii caalaa giddu-gala turizimiifi Konfireensii taateetti jedhan.
Dabalataanis hawwattummaa magaalaa jalqabame misoomaan utubuun, jiddu gala dargaggootaa babal’isuu, tajaajila geejjibaa si’eessuu, turizimii hoteelotaa tumsuu, magariisummaafi iddoowwan aara-galfii dabaluun, daandiwwan lafoofi Biskileettii kanneen eegalaman malee kan biroo babal’isuun murteessaa ta’uu eeran.
Hojiiwwan misoomaa kana hawaasni kunuunsuun carraa argame kana gara diingdeefi tajaajila hawaasaatti fiduun barbaachisaa ta’uus dhaaman.