Humni Qilleensaa Itoophiyaa agarsiisa ‘Leenca Gurraachaa’ bakka gaggeessitootni biyyoota adfunyaa argamanitti akka adeemsisu Meejar Jeneraal Nagaraa Leellisaa ibsan.
Hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa Waggaa 90ffaa sababeeffachuun Yaadannoo Injifannoo Adawaatti Waltajjiin Marii Hawaasaa gaggeeffamaa jira.
Waltajjicha irrattis Ajajaa Itti Aanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Meejar Jeneraal Nagaraa Leellisaa, Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadiriifi hoggantootni olaanoon humna qilleensaa fi Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee akkasumas jiraattotni Magaalaa Finfinnee argamaniiru.
Jijjiiramaan booda Itoophiyaan humna qilleensaa cimaa fi meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhate ijaaruu akka dandeesse Af-Yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee Aadde Buzeenaa Alkadir ibsaniiru.
Ajajaa Itti Aanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa, Meejer Jeneraal Nagaraa Leellisaa, jijjiiramaan booda bara 2010 irraa eegalee haaromsa gadi fagoo dhaabbaticha keessatti taasifameen, humna namaa leenjisuun, meeshaalee waraanaa ammayyaa hidhachuun humna qilleensaa Akka Afrikaatti dorgomaa ta’e ijaaruun akka danda’ame himaniiru.
Yeroo ammaa humni qilleensaa Itoophiyaa kutaalee biyyattii iddoowwan murteessoo ta’anitti bakka leenjii gurguddoo qabaachuus himanii, bara 2030’tti humna qilleensaa Afrikaarraa adda duree ta’e ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yeroo dhihoottis humni qilleensaa Itoophiyaa agarsiisa humna qilleensaa ‘Leenca Gurraachaa’ bakka biyyootni garaagaraa argamanitti akka adeemsisu Meejar Jeneraal Nagaraa Leellisaa ibsaniiru.
”Humni qilleensaa Itoophiyaa raayyaa fi humna qilleensaa Itoophiyaa madaalu kan meeshaalee ammayyaa hidhate ijaaruu danda’eera” jedhaniiru.
Yaaddessaa Geetaachootu gabaase