Tarsiimoon ‘Dijitaal Itoophiyaa 2030’ misooma namoomaafi seektaroota hundumaa irratti xiyyeeffate ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituun Dhimmoota Dijitaalaa, Aadde Miiriyaam Alii himan.
Tarsiimoon haaraan Itoophiyaa Dijitaalaa dhugoomsuu irratti xuyyeeffate “Digital Ethiopia 2030” bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti jalqabsiifameera.

Gorsituun Dhimmoota Dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee, Aadde Miiriyaam Alii waltajjicha irratti “Tarsiimoo haaraa kanaan, Bu’uuraaleen misoomaa tarsiimoo duraanii ‘Dijitaal Itoophiyaa 2025’n diriirfaman bu’aa qabatamaa yeroo itti argarsiisan ta’a” jedhan.
Tarsiimoon haaraan haga bara 2030 (ALA)tti turu kun sirna bulchiinsaa ifaa ta’een, bu’aa safaramuufi itti gaafatamummaa irratti hundaa’ee waggoota shanan dhufaniif hojiirra akka oolan himan.
Milkaa’ina tarsiimoo kanaaf qaamoleen ilaallatu hunduu tumsa akka taasisan Aadde Miiriyaam Alii waamicha dhiyeessaniiru.