AMN PLUS- Mudde 14/2018
Kalaqa 47 uumeera. Dorgommii Idil-addunyaa biyya Chaayinaa magaalaa Tinjaanitti bara 2007 qophaa’e irratti Kalaqa Rakkoo Elektiriikaa furu qabatee dorgomuun akka Afiriikaatti 1ffaa, akka Addunyaatti 9ffaatti ba’eera.
Fedhasaa Shuumaa AMN Dijitaal waliin turtii taasiseera. “Akka qorannoon ibsutti lammiilee biyyoota Afriikaa Sahaaraa Gadii keessaa tajaajila elektirikaa kan argatan dhibbantaa 48 qofa ta’uun, uummata keenya baadiyyaa rakkoo waliin gahiinsa ibsaa qaban dhibbantaa 52 ta’an dukkana keessa jiraataniif fala akka ta’uuf kalaqa addaa hojiirra oolche” jedheera.

Kalaqni isaa “Power Generator” jedhama. Sa’aatii tokko yoo chaarjii guuttate sa’aatii 24f ampuulii 50 ibsuu danda’a. Yoo sa’aatii jahaaf Chaarjii godhame ammoo Baatii tokkoof osoo walirraa hin kutin tajaajila. Ofiin Chaarji of godha jedha Fedhasaan.
Muummichi Ministiraa Abiyyi Ahimad (PhD) marsaa afur kalaqa isaa daawwachuun, oomishni isaa babal’annaan bu’a qabeessa akka ta’u mirkaneessaniifii turan.
“Kalaqni kun baayyee ajaa’ibsiisaa dha, Sa’aatii tokko qofaa Charge godhamnaan haga Ampoolii 50 sa’aatii 24f ibsuu danda’a, sagalee hin qabu, kun Itoophiyaaf hiikkoo guddaa qaba, rakkoo baadiyyaa fi magaalaa haalaan fura” jedhan Dooktar Abiyyi.

Godina Qellem Wallaggaa Magalaa Dambidoollootti akka dhalate kan dubbate Fedhasaan, yeroo ammaa kutaa 9ffaa akka baratuufi hojii kalaqaa irratti bobba’ee dhaabbata “Fedhoo Power Solution” jedhamu hundeessee Manajera waliigalaa ta’uun hojjechaa jiraachuu himeer
Bara 2005 irraa eegalee hojii kalaqaa egaluun bara 2009 Maqalee fi Aksumitti dorgommii moo’achuu kaasee, badhaasni inni hin arganne muraasa. Bara 2015 dorgommii Biruhi Itoophiyaa jedhamu akka injifates kaaseera.
Fedhasaan Itiyoo Chaayinaa Federaal TVET seenuun namoota 548 waamichi ta’eef keessaa abbaa qabeenyummaa ogummaa oomisha mirkaneeffate. Eeyyama Dhaabbataa “Fedho Power Solutio” jedhuun argatee gabaatti baasuu danda’eera. Yeroo ammaatti maamila hedduu horachuun ajaja dhibbaan lakkaa’amu oomishuun kennuu dubbateera.

Godina Iluu Abbaa Boor magaalaa Mattuu ganda Gandoosee jedhamuuf elektirikii diriirsuun abbaa warraa 150 tajaajilamaa taasiseera jechuun dubbateera.
Fedhasaan Anniisaa dhiyeessuurra darbee, kalaqoota qonnaan bulaaf oomisha dabalan, carraa hojii uumu, hanqina bishaan dhugaatii fi rakkoowwan daandii dabalatee hospitaalotaafi diinagdee magariisaa kan utubu ta’uu himeera.
Akkasumas Karoora dhaabbata gurguddaa 3 kan of harkaa qabu ta’uu kaasee, dabalataanis konkolaataa baatirii elekitirikii malee hojjetu hojjechuuf yaalii dhibbantaa 30 irraan gahuu kaaseera.
Daraartuu Tarreessaatu gabaase