Dargaggootni Afrikaa Tiraanisformeeshinii Afrikaaf Barnootaan of Gahoomsuu qabu-Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa

You are currently viewing Dargaggootni Afrikaa Tiraanisformeeshinii Afrikaaf Barnootaan of Gahoomsuu qabu-Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa

AMN PLUS- Mudde 23/2018

Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa “Dargaggootni Afrikaa Tiraanisformeshinii Afrikaaf ” Mata Duree jedhuun hawaasa Yunivarsiitii Haramaayaaf haasaa dadammaqiinsaa taasisaniiru.

Dargaggootni Afrikaa guddinaa fi jijjiirama ardichaa gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu fi guddisuu kan danda’an kalaqaan, hojiiwwan haala hunda dandamataniin fi dandeettii hoggansaan yoo of gahoomsan ta’uu hayyuun kun hubachiisaniiru.

Bu’uurri guddinaa fi qaroomina ammayyaa saayinsii, teekinooloojii fi kalaqa ta’uu isaan biyyootni saffisa diinagdeen addunyaa dursan kanneen akka Ameerikaa Kaabaa, Awuroppaa, biyyoota Eeshiyaa fi biyyoota garee BRICS kanneen akka Biraaziil, Hindii fi Afrikaa kibbaa iccitiin guddina diinagdee saffisaa isaanii dandeettii kalaqa isaanii guddisuun, saayinsii fi teknooloojii babal’isuun ta’uu kaasaniiru. Afrikaanootnis humna kana guddisuu irratti xiyyeffachuu akka qaban ibsaniiruu.

Afrikaatti yeroo ammaa kana humna dargaggoota umriin isaanii 15 hanga 35 lakkoofsaan miiliyoona 400 kan caalu waan ta’eef humna kana roga barnootaa fi diinagdeen cimsuun, teknooloojii fi kalaqaan akka of gahoomsan gargaaruun rakkoo naannoo isaanii jiruu fi addunyaas furuu akka danda’an gargaaruun barbaachisaa akka ta’e pirofesar itti dabaluun dubbaniiru.

Dargaggootni ooggummaa barataniin dandeettii fooyya’aa horachuun of gahoomsuuf tattaaffii olaanaa godhuun guddina fi jijjiirama ardii Afrikaa dhugoomsuuf jabaatanii hojjachuun akka irraa eegamuus pirofesar Gabbisaan hubachiisaniiru.

Beekumsaa fi dandeeytii magaalaan barbaadu horachuuf barattoota irraa maaltu eegamaa? jechuun gaafii dhiyaateef muuxannoo isaanii irraa ka’uun piroofeesar Gabbisaan ibsa kennaniiru.

“Ani yeroon Yunivarsiitii Haramaayaatti barachaa ture jalqaba duraa barnootaan barachaa tureef xiyyeffannoo kennuun, yeroo kiyya qixa sirriin fayyadamuun, yunivsrsiiticha kessattiis hojii dabalataa hojjachuun, hojii kana irraas muuxannoo fi dandeettiin argadhuun dabalata galiis argachaan ture, kana malees yeroo boqonnaa kiyyaa kubbaa kaachoo taphachuun yeroo koo qixa sirriin itti fayyadamaa bu’a qabeessa ta’uu danda’eera ” jedhan.

Pirezidaantiin yuunivarsiitii Haramaayaa Jamaal Yuusuf (PhD) “Eebbifamaan duraanii Yunivarsiitii keenyaa piroofeesar Gabbisaa Ejjetaan muuxannoo jireenya isaanii irraa jijjirama Afrikaa dhugoomsuuf hawaasa yuunivarsiitii keenyaaf muuxannoo isaanii qooduuf hayyamamaa waan taataniif hedduu nuuf galatoomaa” jedhaniiru.

Yuunivarsiitiin Haramaayaa mana kitaabaa dijitaalawaa maqaa Pirofesar Gabbisaa Ejjetaan moggafamees Pirofesar Gabbisaa Ejjetaa fi maatiin isaas dawwataniiru.

Manni kitaabaa dijitaalawaan kun yuunivarsiitiin lammiilee gahooman oomishuuf tattaaffii godhu kessatti gaheen mana kitaabaa kun qabu guddaa waan ta’eef maatii isaanii waliin ta’uun mana kitaabaa kana daran hojii cimsuu irratti deggarsa akka taasisan waadaa galaniiru.

Mana kitaabaa dijtaala kanattis pilaatfoormiin seenaa Piroofeesar Gabbisaa Ejjetaa, oggummaa isaaniin gumaacha taasisan, bu’aawwan maxxansa barruulee 260 caalan, sagantaa nyaata Addunyaa irraa, pirezidaantii Ameerikaa duraanii irraa fi Yunivarsiitii Parduu irraa badhaasawwan kennamaniif akkasumas suuraawwan gara garaa piroofeesarichaa of keessaa akka qabaatu ibsamuu odeeffannoon Yunivarsiiticha irraa argame ni mul’isa.

Piroofeesar Gabbisaa Ejjeta saayintistii Itoophiyaa addunyaa irratti beekamtii guddaa qaban yoo ta’an, qorannoo qonnaa irratti taasisanuun lubbuu miliyoonotaa baraaruun ALAtti Bara 2009 Badhaasa Nyaata Addunyaa argatanidha.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply