Waggoottan jijiiramaa asitti dirreewwan shaakala ispoorti 1,547 ol ijaarameera jedhan Hoogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obboo Baalay Dajan.
Dorgommiin garee biyyaaleessa cimaafi injifataa horachuuf ispoortii misoomsuu mataa duree jedhuun ispoorteessitoota guddattoota kutaawwan Magaalattii 11 hirmaachise gaggeeffameera.
Saganticha irratti kan argaman Hoogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii magaalaa Finfinnee obbo Balaay Dajan dirreewwan shaakkala ispoorti sadarkaa idil-addunyaa eeggachuun magaalattii ijaaraman ispoortessitoota boru biyya bakka bu’an horachuuf nu gargaara jira jedhan.
Dabalataanis karoora fi Inisheetiivii Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa qabatan waggoota kudhan itti aanan keessatti garee biyyaalessa injifataa ta’e horachuu irratti hojjechaa jiraachuu himan.
Obbo Balaay Dajan, Karooricha galmaan gahuuf pirojektii guddattoota umrii 15 gadi babali’isuuf hojii guddaatu hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Kadijaa Ifaatu gabaase