Dooktar Abiyyi Aanaa Surmaatti Mana Barumsaa Waajjira Giifti Dureetiin ijaarame dabarsanii kennan

You are currently viewing Dooktar Abiyyi Aanaa Surmaatti Mana Barumsaa Waajjira Giifti Dureetiin ijaarame dabarsanii kennan

AMN PLUS – Amajjii 9/2018

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) fi Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Naannoo Kibba Lixa Itoophiyaa Aanaa Surmaatti Mana Barumsaa Waajjira Giifti Dureetiin ijaarame dabarsanii kennan.

Manni Barumsaa Waajjira Giiftii Dureen Ijaarame kun naannichatti guddina damee barnootaaf gumaacha olaanaa qabaachuu isaan har’a sirna dabarsaarratti argamuu kootti gammadeera jedhan Dooktar Abiy fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Manni Barumsichaa barattoota naannawichaaf mana barumsaa bultii ta’uun kan tajaajiluudha jedhan.

Manni barumsichaa kutaalee barnootaa, kutaalee bultii, Kompiyuutaroota anniisaa aduun hojjetan, bool’a bishaan dhugaatii, kutaalee nyaanni itti bilchaatu, mana dubbisa kitaabaa fi gamoo bulchiinsaa kan hamate ta’uu eeran.

Kunis barattoota naannawichaa akkaadaamikaalii ga’oomsuu fi nageenummaa isaanii mirkaneessuuf tilmaamamee kan hojjetameedha jedhan.

Dhaabbata carraa hundagaleessa uumee ta’uu ibsan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply