Baatuun ayyaana Kataraafi Cuuphaaf qophoofteetti

You are currently viewing Baatuun ayyaana Kataraafi Cuuphaaf qophoofteetti

AMN PLUS- Amajjii 10/2018

‎Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti Magaalaan Baatuu Ayyaana kataraafi cuuphaa Qarqara hara Dambalitti kabajamuuf qophii xummuurtetti.

‎Harri Dambal kan Magaalaa Baatuu marsee argamu hara seena qabeessaafi odoloota gurguddoo Shan qabu yamuu ta’u, odolli Galiilaafi Dabra Siinaa odola namni irra jiraatuufi bakka waaqeffannaa amantii Ortodoksiiti.

‎Taabonni odoloota kanneeniifi Magaalaa Baatuufi naannawa isheetti argamu bakka bultii isaanii irraa bahuun Qarqara hara Dambalitti kataraafi cuuphaan ni kabajama.

‎Magaalaan Baatuus ayyaanichi karaa duudhaa afuurawaa isaa eegeen akka kabajamuuf qophii xumurteetti.

‎Ayyaanicha sababeeffachuun Wal dorgommiin yabala aadaas hara Dambal irratti gaggeeffameera.

‎Sisaay Dirribaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply