Itoophiyaafi Amerikaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaa isaanii kabachiisanirratti waloon hojjechuuf waliigalan

You are currently viewing Itoophiyaafi Amerikaan dhimmoota faayidaa biyyaalessaa isaanii kabachiisanirratti waloon hojjechuuf waliigalan

AMN PLUS- Amajjii 19, 2018

Ministirri Raayyaa Ittisaa Biyyaa Injinar Ayishaa Mahaammad Afrikaatti Ajajaa Izzii Ameerikaa Jeneraal Daagiviin Ar’eem Andarsan waliin mari’ataniiru.

Dhimmoota hariiroo waraanaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsanirratti mari’ataniiru.

Biyyoonni lamaan akkaataa faayidaa waloo biyyoota lamaanii kabachiisuun danda’amuun tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.

Fayyadamummaa biyyoota lamaan qixaan mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta’uu himan.

Shororkeessummaa waloon qolachuuf waliigalteerra gahuu isaanis ibsameera.

Tumsa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu Jeneraal Daagiviin Ar’eem Andarsan mirkaneessuu ragaan Miidiyaan Onlaayinii Raayyaa Ittisaa AMN f erge ni agarsiisa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply