AMN PLUS – Amajjii 19/2018
Riifoormiin Diinagdee Gooroo Itoophiyaan gaggeessite guddinni ariifataafi itti fufaan akka dhufu taasiseera jedhan Ministirri Maallaqa Obbo Ahimed Shidee.
Baankiin Daldala Itoophiyaa torban Tajaajila Maamilootaa mata duree “Itti quufinsi keessan, Milkaa’ina Baankii Keenyaaf” jedhuun eegalchiisera.
Pirezidaantii itti Aanaan Baankichaa Obbo Efreem Makuriyaa Bankiin Daldala Itoophiyaa itti quufinsa maamilaa dachaan dabaluuf xiyyeeffannoo guddaan hojjechaa jira jedhan.
Baankichi baatiwwan Jahan darbanitti birrii biliyoona 325 walitti qabuu himaniiru.
Baankichi karoora tarsiimawaa waggoota shanii qopheessee ittiin hojjechaa jira kan jedhan ammoo Ministira Maallaqaafi walitti qabaan Boordii Daayirektarootaa Baankii Daldala Itoophiyaa Obbo Ahimed Shidee dha.
Riifoormiin Diinagdee Gooroo biyyattiin gaggeessite guddinni ariifataafi itti fufaan akka uumamu taasiseera jedhan Ahimed.
Guddina faayinaasii biyyattii ammayyeessuufi qixa barbaadamuun sochoosuu keessatti baankichi gahee guddaa taphachaa jiras jedhaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase