Qaala’insa gabaa hir’isuu, ijaarsa dhaabbileefi sassaabbii galii irratti xiyyeeffannoon hojjenna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Qaala’insa gabaa hir’isuu, ijaarsa dhaabbileefi sassaabbii galii irratti xiyyeeffannoon hojjenna- Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS – Amajjii 20/2018

Hojiiwwan nama irratti xiyyeefatan misooma waaraa wajjin wal simsiisuun jireenya jiraattota magaalaa bifa waaraan jijjiiruuf hojjatamuu akka qabu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Kantiibaa Adaanech gamaaggama raawwii hojii baatiiwwan jahaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee hordofuun toorota xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ka’aniiru.

Keessumaa qaala’insa jireenyaa, ijaarsa dhaabbilee fi sassaabbii galii irratti, ji’oota dhufan keessatti xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

“Sirni siyaasaa kan jijijjiiramu illee osoo ta’ee, dhaabbilee bu’uurri isaanii hin sochoonee fi hin diigamne ijaaramuu qabu” jedhan Kantiibaa Adaanech; jijjiirama bu’aa fidu hojiirra oolchuuf hojjattoota dandeettii qaban horachuun bu’a qabeessummaa hoggansaaf murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaala’insa jireenyaa hir’isuuf bara baajataa kana keessatti birrii biiliyoona 18 ramaduu yaadachiisan.

Baajatni kun nyaata, uffata dambii barattootaa, boba’aa fi inshuraansii fayyaaf kan oolu ta’uu kaasuun walakkaa isaa ji’oota jahan darban keessatti jiraattotni itti fayyadamuu isaanii Kantiibaa Adaanech Abeebee dabaluun dubbataniiru.

Hirkattummaa hir’isuu fi carraa hojii uumuun tarsiimoo qaala’insa jireenyaa hir’isuuf qabame keessaa qaama ta’uu isaas ibsaniiru.

Yakka saamichaa fi malaammaltummaa ittisuuf hirmaannaa fi eeruun uummataa murteessaa ta’uu kan eeran Kantiibaa Adaanech, hojiiwwan misooma naannoo gurmaa’insa hawaasaatiin akka raawwataman taasisuuf hojiin hojjatamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Haa ta’u malee eeyyama malee fi haala seera hin eegneen maallaqa sassaabuun akka hin hayyamamne kaasuun, sochiileen faayinaansii hundi sirna odiitii keessa darbuun akka raawwataman ibsaniiru.Walitti qabinsi galii dandeettii magaalaan galii ofumaan maddisiisuu qabdu waliin wal madaaluu dhabuusaa Kantiibaan kaasanii, jallina galii to’achuuf sirnoonni ba’anii jiran haala sirriin hojiirra ooluu akka qaban akeekkachiisaniiru.

Sassaabbiin galii gahumsa Finfinneen galii maddisiisuuf gahumsa qabduun kan wal hin madaalle ta’uu kan eeran Kantiibaan Adaanech Abeebee, kana to’achuuf hojimaatileen ba’an sirnaan hojii irra akka oolan yaadachiisaniiru.

Barakat Geetaachootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply