“Finfinneen Dubaayi Afriikaa taate” – Barruu Africa Business

You are currently viewing “Finfinneen Dubaayi Afriikaa taate” – Barruu Africa Business

AMN PLUS- Amajjii 20/2018

Finfinneen Magaalota gurguddoo Kurnan keessaa ishee tokko yoo jedhan isin ajaa’ibuu hin qabu jedha baruun ‘Africa Business’

Finfinneen ijaarsa ajaa’ibsiisaan magaalota Afriikaa saffisaan guddataa jirtu akka taate, barruun kun eereera.

“Finfinneen akkuma abaabootti miidhagaa jirti” kan jedhu ‘Africa Busines’ Teessoo Gamtaa Afriikaa ammaa kan duraan Dhaabbata Tokkummaa Afriikaa jedhamee waamamaa turee ta’uu seensaan yaadachiisa.

Finfinneen magaalaa Miliyoonotni keessa jiraatan ta’uu eeruun barbaachisummaan siyaasaa fi dippiloomaasii ardii Afriikaa keessatti qabdu olaanaa ta’uu ammas seenaa caqasuun kaasa.

Gaara Inxooxxootti ol ba’uun miidhagina Finfinnee asii gadi daawwachiisuun kan itti fufu barruun kun, Inxooxxoon ofuma isaan bakka bashannanaa ajaa’ibsiisaa ta’uu kaasa.

Faashinii uffata adiin faayamanii kanneen Finfinnee keessa ‘Shambaa Rambaa’ jedhan ammoo qalbii qopheessaa barruu kanaa hawwachuu hin oolle.

Gamoowwan gurguddoon samii keessa fulla’an, misoomni kooriidarii fi daandiin ija kaameeraa barruu kanaa keessa seenan “agarsiistuu jijjiirama magaalaa Afriikaa guddoo Finfinneeti” jechuunis ibseera.

Saffisa ajaa’ibsiisaan hoteelota ijaaramaa jiran kaasuun, suuqiiwwan, wiirtuleen gurgurtaa, waajjiraaleen ammayyaa’oo akkuma sanyii biqilee buluutti asittis achittis marganii akka bulan dubbistoota isaaf qoodeera.

Bu’uurri misoomaa ijaarsota gurguddoo kana walitti hidhullee waluma faana hojjatamaa fi babal’achaa akka deeman daandilee haaraa fi irra deebiin haaromfanii ijaaraman eeruun ibsa.

‘Africa Business ’ nama waggoota muraasaaf Finfinnee osoo hin argin turee amma itti deebi’eef, Finfinneen “Dubaayi Afriikaa taati” jechuunis jaja.

Sababaan ammo ijaarsota akkasumaan dhedheeratanii, gurguddatanii mul’atan qofa miti ogummaa mahaandiisummaa olaanaan akkuma fakkiitti eeggannoon faayaman ijaa fi qalbii hawwachuu eera.

“Kunis cehumsa ijaarsaa Finfinnee haalaan ibsa” jedha, barruun kun.

Misooma magaalaa Finfinnee biratti daandiin baaburaa salphaa hojjatames, akkuma magaalota Awurooppaa keessatti argamuu ta’uu wal bira qabee xiinxaleera.

“Finfinneen Magaalota Afriikaa gurguddoo Kurnan keessaa ishee tokko yoo isiniin jedhan baay’eema isin ajaa’ibsiisuu hin qabu” jechuun barruun kun ibseera.

Kitaabni Imala Addunyaa galmeessee ol kaa’uu fi ‘Lonely Planet’ jedhamuun maxxanfamu, addunyaa irratti magaalota guddinaan beekan 10 keessaa, Finfinneef sadarkaa 9ffaa akka kenneef yaadachiisa.

Akka kitaaba kanaatti, Sadarkaa 1ffaan magaalaa Ameerikaa Saanfiraansiskoo Bulchiinsa Kaalifoorniyaa keessatti argamtu yoo taatu, 2ffaan ammoo, Magaalaa Neezerlaand, Amistardaam jedhamtudha. Magaalaan Arjantiinaa, Poortoo Igu’aazuu, Finfinneetti aanuun sadarkaa 10ffaa qabachuu, Galmee Kitaaba Imalaa kana eeruun, barruun kun dubbistoota isaa biraan gaheera.

Malkaamuu Abbabaatiin Qindaa’e

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply