Konkolaachisaan bu’uuraalee misoomaa Paarkii Araadaa irratti miidhaa qaqqabsiise birri kuma 100 adabame

You are currently viewing Konkolaachisaan bu’uuraalee misoomaa Paarkii Araadaa irratti miidhaa qaqqabsiise birri kuma 100 adabame

AMN PLUS- Amajjii 20/2018

Paarkii Aradaa keessatti karaa bisikileetii fi daandii fiigichaa irra konkolaataa oofuun bu’uuraalee misoomaa irratti konkolaachisaan miidhaa qaqqabsiise birri kuma 100 adabamuun ibsame.

Kutaa Magaalaa Aradaa Aanaa 5 naannoo Raas Mokonninitti Amajjii 17 bara 2018 A.L.I.galgala naannoo sa’aatii 12:00tti Paarkii Araadaa keessatti karaa bisikileetii fi daandii fiigichaarratti konkolaataa oofuun bu’uuraalee misoomaa konkolaachisaan miidhe to’annoo jala ooluun birri kuma 100 adabamuu isaa Abbaan Taayitaa Kabachiisa Dambii Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Abbaan Taayitichaa eeruu hawaasaa irraa argateen Poolisii Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee waliin ta’uun konkolaachisaa kana to’annoo jala oolchuun adabuu isaanii ibseera.

Abbaan Taayitichaa, hawaasa eeruu kenne galateeffachuun, qabeenya waloo kan ta’an misooma kooriidarii, bu’uuraalee misoomaa qarqara laggeeni fi bu’uuraalee misoomaa iddoowwan adda addaa keessatti argaman miidhuu fi namoota danbii dabran irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamuuf, hirmaannaan hawaasaa kuni cimee akka itti fufu odeeffannoo AMNf ergeen beeksiseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply