Obbo Ahimad Shidee Itti Aantuu Daayirektara Olaanaa Tumsa Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Maayiriyaam Feraan waliin mari’atan

You are currently viewing Obbo Ahimad Shidee Itti Aantuu Daayirektara Olaanaa Tumsa Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Maayiriyaam Feraan waliin mari’atan

AMN PLUS – Amajjii 20/2018

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee, walgahii ministirootaa Innisheetiivii Gaanfa Afrikaa 27ffaa irratti hirmaachuuf Magaalaa Moqaadiishoo jiru.

Obbo Ahimad Shideen Itti Aantuu Daayireektara olaanaa Tumsa Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Maayiriyaam Feraan waliin hariiroo gama lamaanii irratti mari’ataniiru.

Deggarsa Dhaabbanni Misooma Faransaay (French Development Agency) Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun, humna haaromfamaa, dhiyeessii humnaa qindaa’ee fi itti fufiinsa qabu, akkasumas sagantaa dijitaalaayizeeshinii irratti taasiseef galateeffachuun tumsi fi hirmaannaan kun itti fufiinsa akka qabaatu ibsaniiru.

Dureewwan lameen tumsa cimsuu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kooriidarii Geejjibaa Itoophiyaa–Jibuutii kan Innisheetiivii Gaanfa Afrikaa jalatti argamu maallaqaan deggaruuf kutannoo Gamtaan Awurooppaa qabu irratti waliigaltee irra ga’uu isaanis kaasaniiru.

Dabalatanis, sagantaalee fooyya’iinsa diinagdee gooroof deggarsa taasifamu cimsuuf waliigalteen uumamuu isaa odeeffannoon Ministeera Maallaqaa AMN’f erge ni mul’isa.

Walgahiin Ministirootaa Innisheetiivii Gaanfa Afrikaa, daddabarsaa humnaa fi hariiroo walittihidhamiinsa humnaa naannichaa faayinaansiin guddisuuf amanamaafi walgahinsa humna ibsaa madalawaa saffisa qabu irratti akka xiyyeeffatus ibsameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply