AMN PLUS – Amajjii 20/2018
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Kristoofar Laandaaw waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.
Mariin isaanii hariiroo waliigalaa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru caalmaatti akkamitti cimsuu akka danda’amu irratti kan xiyyeeffate ture.
Akkasumas dhimmoota yeroo ammaa fedhii waloo qaban irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Odeeffannoo Ministeera Dhimma Alaa irraa argame akka mul’isutti, Itoophiyaa fi Ameerikaan seenaa hariiroo diipilomaasii waggoota 120 olii qabu.