CAF gareewwan Senegaaliifi Morookoo irratti adabbii garagaraa dabarse

You are currently viewing CAF gareewwan Senegaaliifi Morookoo irratti adabbii garagaraa dabarse

AMN PLUS- Amajjii 21/2018

Tapha xumuraa Waancaa Afriikaa Seenegaaliifi Morokoo gidduutti adeemsifameen jeequmsa uumameen CAF gareewwan lamaan irratti adabbii dabarse.

1. Adabbii Garee Senegaal

👉 Leenjisaa Paappee Tiyaawu qajeeltoo naamuusaa CAF cabsuu isaaniin taphoota CAF jalatti gaggeeffaman 5 akka hin dursine adabaman.

Dabalataanis leenjisichi adabbiin mallaqaa doolaara Amerikaa kuma 100 irratti murtaa’eera.

👉 Taphattoottootni Senegaal Ilimaan Baarooyifi Ismaa’el Saar, abbaa murtii taphichaa irratti amala hin malle agarsiisuu isaaniin taphoota CAF lama adabamaniiru.

👉 Federeeshinii Kubbaa Miilaa Senegaal irratti adabbii darbe keessaa :- Deeggartootni Senegaal qajeelfama naamuusaa CAF irra darbuun akkasumas taphattootni fi miseensotni garichaa amala hin malle agarsiisuu isaaniin Federeeshinichi doolaara kuma 600 adabameera.

2. Adabbii Garee Morookoo

👉 Dursaa taphattootaa Morookoo Ashraaf Hakiimii gochoota naamuusa ispoortiin ala ta’an raawwachuu isaan taphoota CAF lama irratti akka hin hirmaanne adabame. Ismaa’el Sabaarii balleessaa walfakkaatuun taphoota sadii adabamuun doolaara kuma 100 akka kaffalu itti murtaa’eera.

👉 Federeeshinii Kubbaa Miilaa Morookoo irratti adabbii darbe:- Ijoolleen kubbaa dhiyeessitu amala badaa agarsiisaniin adabbiin doolaara kuma 200 Federeeshinicha irratti murtaa’eera.

👉 Gama biraan taphattootniifi ogeeyyiin teekiniikaa Morookoo qajeelfama naamuusaa CAF Keeyyata 82 fi 83 cabsuun abbaan murtii yeroo VAR ilaalu itti marsuun hojii abbaa murtii irratti gufuu ta’uusaaniin Federeeshinichi doolaara kuma 100 adabameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply