Bu’uuraaleen misoomaa Finfinnee aadaa fi duudhaa Itoophiyaa

You are currently viewing Bu’uuraaleen misoomaa Finfinnee aadaa fi duudhaa Itoophiyaa

beeksisuuf haala mijeessu – Biiricha

AMN PLUS- Amajjii 21/2018

Finfinneetti bu’uuraaleen misoomaa kooriidariin wal qabatanii hojjataman aadaa fi duudhaa Itoophiyaan qabdu beeksisuuf haala mijataa uumuu Biiroon Aadaafi Artii beeksise.

Feestivaalli Aadaa Magaalaa Finfinnee 17ffaan Amajjii 23 irraa eegaluun hanga Amajjii 25 Bara 2018 sagantaawwan garaa garaan akka adeemsifamu ibsameera.

Feestivaalli “Finfinnee Mozaayikii Aadaa fi Kalaqaa” mata duree jedhuun adeemsifamu kun aadaawwanii fi duudhaaleen Itoophiyaa bakka bu’an kan irratti dhiyaatan ta’uu hubatameera.

Feestivaalicha irratti aadaa beeksisuu, tokkummaa cimsuu fi hojiiwwan harkaa gabaatti dhiyeessuuf karoorfamuu Hoogganaan Itti Aanaa Biirichaa Obbo Addisuu Shaanqoo ibsaniiru.

Feestivaala kana irratti sagantaan faashinii huccuuwwan aadaa irratti beeksifamuu fi oomishaaleen hojii harkaa irratti dhiyaatan akka adeemsifamu kaasaniiru.

Kanumaan wal qabatee, hojiiwwan misoomaa kooriidariin wal qabatanii magaalaa finfinnee keessatti hojjataman aadaa, duudhaalee fi seenaa Itoophiyaan qabdu beeksisuuf haala mijataa akka uuman dubbataniiru.

Dabalataanis, aadaa nyaataa fooyyessuuf hojiileen gama maaddii guutuun hojjataman feestivaala aadaa kana irratti akka dhiyaatan ibsameera.

Assaggid Kidaanemaariyaam’tu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply