Riizoortii Shabalee Tajaajilaaf dhaqqabsiifneerra- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

You are currently viewing Riizoortii Shabalee Tajaajilaaf dhaqqabsiifneerra- MM Abiyyi Ahimad (PhD)

AMN PLUS- Amajjii 23/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) piroojektii Maaddiin Dhalootaaf keessaa isa 2ffaa kan ta’e Riizoortii Shabalee tajaajilaaf dhaqqabsiisuu miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Dooktar Abiyyi “Piroojektoota ijoo sagantaa ‘Maaddiin Dhalootaaf’ jedhuun hojjetamaa jiran keessaa isa lammaffaa kan ta’e Riizoortiin Shabalee lafa hektaara 385 irratti hojjetame eebbifnee tajaajilaaf geessifneerra’ jechuun ibsaniiru.

Riizoortiin kun bakka bashannanaa qofaa utuu hin taane galmee seenaa ogummaa ijaarsa gamoo ammayyaa duudhaafi aadaa Naannoo Somaalee waliin qindeessee tolchee ol kaa’e akka ta’e kaasaniiru.

Itti Dabaluunis, “Piroojektichi hojii guddaa biyya keenya bahaatti hojjetameefi waadaa Itoophiyaa Afrikaatti bakka hawwata tuuristii addaduree gochuuf seenne hojiidhaan kan mirkaneessedha” jechuun hubachiisaniiru.

Kennaan uumamaa baay’ee bal’aafi hawwataa Naanichatti argamu sona ida’amuufi walta’insaan gara misoomaatti yoo jijjiiramu, Itoophiyaan kan yaaddu qofaa utuu hin ta’iin biyya waan yaaddu dhugoomsitee itti jiraattu ta’uushee qabatamaan agarsiisuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin beeksisaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply