AMN PLUS – Amajjii 26/2017
Hariiroon Itoophiyaafi Eertiraa inumaayyuu erga nuti aangootti dhufnee yaalii hedduu taasifneen fooyye agarsiisee ture jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad.
Dr. Abiyyi gaaffilee miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa haala nageenyaa Itoophiyaafi Eertiraan wal-qabsiisuun kaasaniif ibsaafi deebii kennaniin dhimmi Itoophiyaafi Eertiraa akka qaamoleen tokko tokko yaadan gaaffii ulaa galaanaa akka hin taane ibsaniiru.
Waraana Kaaba biyyatti tureen wal-qabatee haaloo duraan qabu bahachuuf mootummaan Eertiraa fedhii agarsiisuu hordofee mootummaan Itoophiyaa fuula kennuufii diduun hariiroon biyyoota lameenii laafuu kan ibsan Dr. Abiyyi gareen nageenya Itoophiyaa hin barbaadne baandootni keessaa mootummaa Eertiraa waliin sirba dirqamaa sirbaa jiru jedhaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa ejjennoo misoomaa malee waraanaaf karoora akka hin qabne kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad balballi dippiloomaasii Itoophiyaa yeroo mara tahuu miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin