AMN PLUS-Amajjii 26/2018
Rakkoo mana jireenyaa yeroo dheeraaf ture furuuf sirna liqa manaa yeroo dheeraa (mortgage) hojiirra oolchuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) ibsan.
Miseensa Mana Mareerraa “Isin dureeyyiif mana ijaartu, isa qabuuf kennitu” jechuun yaada ka’eef Dr. Abiyyi deebii kennaniiru
“Nuti Finfinnee naannoo Awwaarootti manni ijaarre harka qalleeyyiifi, namoota biyyaaf olmaa guddaa oolanii humnaan dadhabaa ta’aniif kennine, baadiyyaattis manneen moodela araddaa qulqulluu, qonnaan bulaan beelladarraa adda bahanii akka jiraatan kan goone dureeyyiif miti” jedhaniiru.

Sirni imaammataa misooma mana jireenyaa yeroo dhihoo as ragga’uu isaa ibsanii, waggoota shanan dhufan keessatti mootummaan dhaabbilee dhuunfaa waliin mana miliyoona 1.5 ijaaruuf hojii bal’aan akka jalqabame dubbataniiru.
Hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti sirni hojii moorgeejii kanaan warren mana jireenyaa misoomsaniifi bitaattoota manaa baankii waliin waliigaltee seenanii mana ijaaruun akka hin turiin ibsuun, kana booda osoo warren mana misoomsaniifi bitaatan hin miidhamiin karaa baankiitiin mana argachuun akka danda’amu taasiisuuf hojjetamaa akka jiruss Dooktar Abiyyi himaniiru.
Sirna kana Itoophiyaa keessatti hojiirra oolchuufis qophiin gamaa hundaan taasifamaa akka jirus ibsuun, haal dureen isaas yoo xumurame uummataaf ifatti kan beeksifamu ta’uu isaa ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootu gabaase