AMN PLUS – Amajjii 28/2018
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaarez addunyaarra Meeshaalee waraana Niwukilaraa Dhibbantaa 90 ol kan hidhatan Ameerikaafi Raashiyaan hatattamaan gara marii bu’uura to’annoo Meeshaalee Niwukilaraatti dhufuu qabu jechuun waamicha dhiyeessan.
Biyyoonni jajjaboon nageenyaa addunyaa murteessoo ta’an Raashiyaafi Ameerikaan waliigalteen waliif mallatteessaan xumuramuu hordofee wal dorgommiin hidhannoo Meeshaalee Niwukalaraa dabaluu mala yaaddoon jedhu jiraachuu kan himan Antooniyoo Gutaarees, Donaald Tiraampiifi Vilaadmiir Puutiin dhiyootti akka mari’atan abdii qabaachuu himan.
Walakkaa jaarraa tokkoo oliif yeroo jalqabaatiif addunyaan meeshaa niwukilaraa tarsiimoo biyyoota lamaan Federeeshinii Raashiyaa fi Yunaayitid Isteetisirra daangaa dirqamaa tokkollee hin qabnettu nu mudateera jechuun cimsanii dubbataniiru.

Yeroo tasgabbii dhabuun addunyaa guddachaa jiruufi wal dorgommiin ji’oopolitikaa kutaalee addunyaa hundatti dabalaa jirutti waliigalteen xumuramuun daangaan kaa’amuu dhabuun Nageenya addunyaas daran hammeessa jedhan.
Ameerikaas ta’ee Raashiyaan diddaan argariisan hin jiru.
Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp turtii kana dura Gaazexaa Niwuyoork Taayimsi waliin taasisaniin waliigalteen mallatteessinu gaarii akka ta’uuf Chaayinaan haammatamuu qabdi jedhan.
Vilaadmiir Puutiin gamaasaaniitiin Waliigaltee taasifamuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, biyyoota akka Faransaayiifi UK’s hammachuu qaba jechuun dubbatuu Aljazera, BBC fi The Guardian wabeeffanne.
Namoomsaa Baalliitiin