AMN PLUS- Amajjii 27/2018
Finfinnee Giddugala Turizimii Fayyaa taasisuuf hojii eegalameen dijitaalaayizeeshiniin tajaajila fayyaa varchuwaalii hawaasa biraan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) himan.
Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa biyyaan ala jiran muuxannoo fi beekumsa isaanii qabatanii gara biyyaatti deebi’anii akka hojjetan haala mijeessuun hedduun dhufaa jiraachuu kan eeran Dr. Abiyyi dhiyeenya kana namootni biyya hambaarraa dhufan ilkaaniifi ija isaanii Finfinneetti yaalamuu eegaluu eeran.
Ammallee bu’uuraalee misoomaa fayyaa yoo babal’ifame imala yaaliif gara biyya alaatti taasifamu hambisuun dabalata, namoonni kaanillee akka dhufanii akka asitti yaalaman gochuun ni danda’ama jedhaniiru.

Waggoota muraasa dura oomishni qorichaa biyya keessatti %8 qofa kan ture amma garuu gara %42tti akka ol guddate Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ibsan.
Tajaajila dijiitaalaatiin odeeffannoo mana yaalaa keessaa waljijjiiruun milkaa’inni guddaan dhufuu akka danda’ames ibsameera.
Jiijjjiirama gama yaala fayyaatiin argameen, haadholii duraan dhaabbilee fayyaa keessatti dahan %27 irraa gara %61tti guddachuu akka danda’ame kan ibsan Dooktar Abiyyi du’aatii haadholii sababa kanaan mudachaa turan xiqqeessuun akka danda’ames himaniiru.

Jijjiirama hanga ammatti jiruun du’a haadholii fi daa’imman waggaa shanii gadi hir’isuun danda’amus ammallee hojii bal’aan akka hafu Ministirri Muummee ibsaniiru.
Dhibee weeraraa Maarbarg dafanii adda baasuun ittisuu irratti sirritti hojjechuun baatii sadii hin guunne keessatti to’achuun milkaa’inni dameen fayyaa argisiise guddaa akka ta’ees ibsaniiru.
Shuumii Badhaasootiin