Loltootni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo hundaa qophaa’oodha-Mohaammad Diyaaloo

You are currently viewing Loltootni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo hundaa qophaa’oodha-Mohaammad Diyaaloo

AMN PLUS-Guraandhala 4/2018

Raayyaan Nageenyaa Itoophiyaa biyya Somaaliyaa naannolee Halganiifi Baladiwayinii keessatti qophii loltummaa isaa akka mirkaneeffatan ibsameera.

Hojiin inispeekshinii salphaa miti kan jedhan Itti Gaafatamaan Inspeekshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjira Deeggersaa Somaaliyaa (UNSOS) Mohaammad Diyaaloon, sadarkaan qophii loltummaa isaa sirnaan sakatta’amee murtiin itti kan kennamu ta’uu isaa kaasaniiru.

Haaluma kanaan sakatta’iinsa taasifameen loltootni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa yeroo hundaa qophaa’oo ta’anii kan argaman ta’uu isaanii daawwannaa isaaniitiin akka mirkaneessan Mohaammad Diyaaloon himaniiru.

Itti Gaafatamaan To’annoo fi Hordoffii Kaffaltii Inspeekshinii Sektara Afurii Shaambal Taaddasaa Yimar, inispeekshiniin kun bu’uura Ergama Gamtaa Afrikaa Tasgabbii fi Deeggarsa Somaaliyaa (AUSSOM) irratti hundaa’uun qabeenya hunda irratti ji’a sadii sadiin sakatta’iinsa akka taasifamu ibsaniiru.

Kaayyoon sakatta’iinsa kanaas dirqama ergamaa gahumsaan bahachuun akka danda’amuuf, akkasumas gahumsa keessaa mirkaneessuufi biyyis galii damee kana irraa argachuu dandeessu akka argattuuf akka ta’e Shaambal Taaddasaan dubbataniiru.

Qabeenyas ta’e humni namaa kaayyoo qabameef akka ooluuf miseensotni raayyaa hunduu kaka’umsa gaariin hojjechaa akka jiran kan himan Shaambal Taaddasaan, loltootnis hojii kamiyyuu raawwachuuf sadarkaa gaarii irratti akka argaman ibsuu isaanii odeeffannoo Miidiyaan Onlaayiniin Raayyaan Ittisa Biyyaa AMN’f erge ifoomseera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply