Liveerpuul kilaba dirree isaatti hin mo’amiin Sandarlaandiin keessummeeffama, Siitiin ammoo qormaata biraa qaba

You are currently viewing Liveerpuul kilaba dirree isaatti hin mo’amiin Sandarlaandiin keessummeeffama, Siitiin ammoo qormaata biraa qaba

AMN PLUS – Guraandhala 04/2018

Pirimeerliigiin Ingilaandi barri wal-dorgommii 2025/26 gara xumuraatti dhiyaachaa jira.

Morkiin liigicha kan hin qabbanoofne torbee 26ffaan har’a halkan taphootni 5 ni keessummeeffamu.

Taphoota Kanneen keessaa imala shaampiyoonummaa liigichaa keessaa tilmaama kan qabu Maanchistar Siitiin Peep Joseef Gaardiyollaan durfamuun warreen Maarkoo Siilvaan leenji’an Fuulhaamiin gara dirree isaa Etihaaditti affeera.

Siitiin tapha kanaan garaagarummaa Arseenaal kilaba dursaa liigichaa waliin qabu dhiphisuuf miira injifachuu qofa qabatee gara dirree seenaan eegama.

Fuulhaam kilabni Maarkoo Siilvaa jalatti 2ffaa dhalate kilaboota gurguddoo liigichaaf mataa dhukkubbii tahus kan warra Peep Gaardiyollaa Siitii waliin garuu yoo taphatu akka nama gaara ba’uti. Afuuratu itti xiqqaata.

Fuulhaam irra deddeebiin mo’amuun Siitiin kilabicha harka kenniisiseera jechuutu irra salphata.

Ammoo dubbiin galgala kanaa dubbii kubbaa miilaati. Bakka tokko qofatti eegdee kan murteessituu osoo hin taane gahumsa daqiiqaa 90, qindoomina dirree irratti mul’atu walumaagalatti ijibbaata kubbaa miilaati. Taphni Maanchistar Siitiifi Fuulhaam halkan sa’aatii 4:30 tti eegala.

Tapha biroo hirmaannaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuuf bakka qabachuuf taasifamuun Sandarlaandi kilabni bara wal-dorgommii kana dirree isaarratti tapha tokkollee osoo hin mo’amiin torbee 26ffaa liigichaa gahe, kilaba barana abbaan arge qabxii harkaa baafatu Liveerpuuliin ofitti waameera.

Taphataa isaa baay’ee murteessaa Doominik Soboozilaay malee morkii taphaa Sandarlaandi waliin qabuuf kan imale Liveerpuul tapha halkan kana qabuun qormaatni cimaan akka isa eeggatu tilmaamuun nama hin rakkisu. Taphni kilaboota lameenii halkan sa’aatii 5:15 tti eegala.

Taphoota biroon Astoon Viillaa vs Biraayteen, Kiristaal Paalaas vs Baarnillee, Nootingihaam ammoo Wolviis waliin sa’atii wal-fakkaataa halkan sa’aatii 4:30 eegala.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply