AMN PLUS – Guraandhala 07/2018
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti argamuun ergaa dabarsaniin Afriikaas ta’e Addunyaaf kan malu afaan qawwee gadi qabuun afaan walii dhaggeeffachuun ilaafi ilaammeetti amanuudha jedhaniiru.
Barri keessa jirru bara 1946 osoo hin taane bara 2026 yeroo itti gaaddisa marii jalatti dubbii fixachuun misoomaaf fuula kennuu ta’uu kan ibsan Antoniyoo Gutaareez Afrikaan Miseensummaa Dhaabbii Mana Maree Nageenyaa UN keessaa dhabuunshee jijjiiramuu akka qabus hubachiisaniiru.
Hoggantootni Afriikaa waa baay’ee jijjiiruun Addunyaaf fakkeenya tahaa jiraachuus haasawaa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti taasisaniin kan kaasan Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez Afrikaanotaaf nageenyaafi misooma malee yeroon itti afaan qawween wal-dorsiisan darbeera jedhaniiru.
Yaa’icharratti dhimma nageenyaa ergaa isaaniin xiyyeeffannoo kan argachiisan qondaaltichi nageenyi filannoo akka hin qabne ibsuun Sudaan, Sudaan Kibbaa, DR Koongoo, Giddu Galeessi Ripaablika Afrikaa , Lixi Afrikaa akkasuma Somaaliyaan nageenya waaraa argachuun dirqama tahuu Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii amantaa guutuu qabaachuu ibsan.
Ergama nageenya kabachiisuun nageenya itti fufsiisuu caalaa qaamoleen wal-gaareffannaa keessa jiran waliigaltee waloo kabachuun gara gaaddisa mariitti yoo dhufan irra filatamaan ibsaniiru.
Iddoosaa Abdiitiin