Misoomni Koriidarii Finfinnee Dabalatee Magaaloota Biyyattiitti Simboo Uwwiseera – Aadde Caaltuu Saanii

You are currently viewing Misoomni Koriidarii Finfinnee Dabalatee Magaaloota Biyyattiitti Simboo Uwwiseera – Aadde Caaltuu Saanii

AMN PLUS- Guraandhala 16/2018

Hojiin Misooma Koriidarii, Finfinnee Dabalatee Magaaloota Biyyattii Iddoowwan Garaagaraatti Hojjetameefi Hojjetamaa Jiru Qulqullinaafi Saffisaan Magaalootatti Simboo Uwwiseera Jedhan Ministirri Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Aadde Caaltuu Saanii.

Aadde Caaltuun Kana Kan Jedhan raawwii karoora hojii ji’oota jahan darbanii bara baajataa 2018 manni hojii isaanii qooda fudhattoota waliin gamaaggame irratti yoo tahu misoomni koriidarii irra magaalotaa jijjiiruun cinaatti madda carraa hojii ta’us himaniiru.

Misoomichi ilaalcha keessaafi alaa Itoophiyaarra ture guutummaatti jijjiiruus kan ibsan ministirittiin ka’umsi karoora hojii bu’a qabeessa tahe kanaa Ministira Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) tahu hubachiisuun har’a magaaloota sadarkaa isaanii eeggatan akka qabaannuu nu taasiseera jedhaniiru.

‎Misoomni koriidarii magaalaa Finfinnee dabalatee magaaloota gurguddoo Naannolee irratti karaa qindoomina qabun hojjetame miidhagina magariisummaa magaalootaa haalan dabaluus ibsaniiru.

‎Dabalataan ji’oottan jahan darbaniitti guddina magaalootaan wal-qabatee lammileen sagantaa seeftineetiin fayyadamoo tahan akka of-danda’aniif baankii Addunyaa waliin ta’uun magaaloota filataman irratti hojii gurguddaan hojjetamuu Aadde Caaltuun eeraniiru.

‎Kaasiyyee Maanguddaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply