AMN PLUS – Bitootessa 09/2018
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Itoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Ambaasaaddar Cheen Haay fi jila eksipoorti impoortii Baankii Chaayinaa (China Exim Bank) irraa dhufan waliin dhimmoota dinagdee irrattti mari’ataniiru.
Mariin isaanii ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Bishooftuuf Filmaatilee faayinaansii jiran irratti xiyyeeffachuun ibsameera.
Biyyootni lameen hammattoo liqaa dheeressuu biyyoota garee 20 (G20) jalatti adeemsifamu irratti milkaa’inoota galmaa’an ilaalchiisee mari’ataniiru.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Chaayinaan adeemsa yeroo liqaa dheeressuu dursuu keessatti hoggansa bilchina qabu kennuun yaada deeggarsaa agarsiifteef galata dhiyeessuufiin ibsameera.
Adeemsi yeroo liqaa dheeressuu boqonnaa dhumaarra jiraachuu kan ibsan Obbo Ahimad hojiin dadammaqiina qabu eegalame cimee akka itti fufu hubachiisaniiru.
Dabalataan Dhaabbilee Liqaa Daldalaa waliin mariin taasifamu akka xumura argatuuf Chaayinaan tumsa baratame akka akka itti fuftu marichaan xiyyeeffannoo argachuu Obbo Ahimad ibsuu odeeffannoon Ministeerri Maallaqaa AMN’f erge ni mul’isa.