Sagantaa Kana Sababeeffachuun Barreessaan Mana Maree Waldaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruufi Lubni Waldaa Lallaba Wangeelaa Biilii Giraam Firankiliin Giraam Waliin Ta’uun Ibsa Miidiyaaledhaaf Kennanii Jiru.
Itoophiyaan Biyya Kennaa Hedduudhan Waaqayoo Ishee Badhaasedha Kan Jedhan Barreessaa Mana Maree Waldaa Amantoota Wangeelaa Itoophiyaa Lubni Darajjee Jambaruu, Ummanni Itoophiyaa Qabeenyi Uumama Hedduun Osoo Jiruu Beela’uufi Rakkachuu Hin Qabu Jechuun Kaayyoo Sagantaa Kadhannaafi Qalbii Jijjiirannaa Kanaas Tokkummaa, Jaalalaafi Nagaa Itoophiyaaf Akkasumas Ummanni Itoophiyaa Hojjetee Akka Eebbifamuuf Kan Kadhatamuu Ta’uu Dubbataniiru.
Sagantaa Kadhannaa Guyyoota Lamaaf Gaggeeffamu Kana Sababeeffachuun Lammiilee Hedduun Biyya Alaa Irraa Gara Magaalaa Finfinnee Dhufuu Kan Eeran Lubni Darajjeen Kunis Kadhannaa Biyyaaf Taasifamu Irra Darbee Maqaa Gaarii Biyya Keenyaa Olkaasuu Keessatti Shoora Olaana Qaba Jedhaniiru.
Bara 1952 Lubni Biilii Giraam Magaalaa Finfinnee Naannoo Istaadiyeemitti Wangeela Lallabuun Mootii H/Sillaasee Irraa Badhaasa Fudhatan. Waggaa 65ffaa Isaatti Wangeela Itoophiyaatti Lallabuuf Kan Dhufan Ilmi Isaanii Lubni Firankiliin Giraam Akka Lakkoofsa Faranjootatti Bara 1985 Gara Itoophiyaa Dhufuu Yaadachiisuun, Waggoota Darban Keessatti Jijjiiramni Hedduun Itoophiyaa Keessatti Galmaa’ee Jira Jechuun dubbataniiru.
Waaqayyoo Itoophiyaa Ni Jaalata Kan Jedhan, Lubni Firaankiliin Giraam Sagantaa Kadhannaafi Qalbii Jijjiirrannaa Guyyaa Lamaaf Addababaayii Masqalatti Gaggeeffamu Kana Irrattii, Kadhachuufi Macaafa Qulqulluu Lallabuun Kan Tajaajilan Ta’uu Himanii Jiru.
Geetaahun Katamaatu Gabaase.
All reactions:
319You, Tsehhay Habte and 317 others