Injifannoon Hundeeffama Paartii Badhaadhinaan argame riqicha bu’uuraa diigumsa biyyaa baraareedha- Sa’aadaa Abdurraahmaan.

You are currently viewing Injifannoon Hundeeffama Paartii Badhaadhinaan argame riqicha bu’uuraa diigumsa biyyaa baraareedha- Sa’aadaa Abdurraahmaan.

AMN PLUS- Bitootessa 24/2017

Injifannoon Hundeeffama Paartii Badhaadhinaan argame riqicha bu’uuraa diigumsa biyyaa baraaree akka ta’e Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan dubbatan.

Hawaasni Magaalaa Shaggar kutaalee magaalatti hundarraa walitti dhufuun guyyaa injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun hiriira deeggarsaa bahaniiru.

Guyyaa injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun hiriirra deeggarsaa sadarkaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhittis adeemsifameera.

Hiriira deeggarsaa kana irratti argamuun eergaa kan dabarsa Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan mootummaan jijjiirama wayita gara aangootti dhufu rakkoolee jajjaboo fi walxaxaa biyyatti muudate keessaa bahuuf riifoormii bu’uraa damee gara garaa irrattieEegaluu ka’uumsa godhachuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf imala eegale jedhan.

Mootummaan jijjiiramaa gurmaa’ina keessoo isaa cimsaa waggoottan torban darban jijjiirama qabatamaa uummata keessatti fiduuf imaammata diinagdee man-dhalee wixineessuun fiifoormii diinagdee gaggeessuu kan dubbatan Aadde Sa’aadaan hariiroo dippilomaasii kabaja lammiilee irratti xiyyeeffateefi biyyoota oollaaf dursa kennuun hojii hojjetameen badhaasni nagaa addunyaa Ministira Muummee. Abiy Ahimad (Dr.) keenname seenaa biyya keenyaa keessatti isa jalqabaafi uummattootaa Itoophiyaas mataa kan ol qabachiise bu’aa injifannee Bitootessaa 24 ta’uu dubbataniiru.

Injifannoo hunda galeessee hundeeffama paartii badhaadhinaatin argame riqicha bu’uuraa diigumsa biyyaa baraareefi ijaarsa itoophiyaa haaraatif yaadamaa man-dhalee biqilchuu bu’ura kan godhateedha jechuun aadde sa’aadaa eeraniiru.

Sadarkaa peerezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo oromiyaatti kantiibaan Magaalaa Shaggar Tashoomaa Aaddunyaa (Dr.) gama isaanitiin Bitootessi 24 guyyaa addaa imala jijjiiramaa biyya keenyaaf bu’urri cimaan itti kaa’amee fi qabsoo sabaa fi sablammoota biyya keenyaaf boqonnaa haaraa fideedha jedhan.

Bitootessi 24 jalqabbii imala badhaadhina Itoophiyaati kan jedhan. tashoomaan (Dr.) gama siyaasaatin biyyaa fi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti hojiilee gurguddaan hojjetamuu eeruun gama hawwaasummaatin immoo walqixxummaa sabaa fi sablammootaa mirkaneessuu keessatti guyyaan injifannoo kuni gahee guddaa qaba jedhan

Dhaloonni ijifannoo dhiigaafi aarsaa heedduun argame kan ilama badhaadhinaa mirkaneessaa jiru tikfachuu akka hirmaattonni hiriira deeggarsaa kana irratti argaman dubbataniiru.

Geetaahuun Katamaatu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply