Waajjirri Hoji-gaggeessaa Magaalaa Finfinnee akkaataa kenninsa tajaajila hawaasaa ittii fooyyessuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira

You are currently viewing Waajjirri Hoji-gaggeessaa Magaalaa Finfinnee akkaataa kenninsa tajaajila hawaasaa ittii fooyyessuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira

AMN PLUS- Bitootessa 26/2017

Waajjirri Hoji-gaggeessaa Magaalaa Finfinnee akkaataa kenninsa tajaajila hawaasaa ittii fooyyessuun danda’amurratti qooda fudhattoota waliin mari’achaa jira.

Sirna baniinsa marii kanaarratti ergaa kan dabarsan Sadarkaa Kantiibaa itti aanaatti Itti Gaafatamaan Waajjira Hoji-aggeessaa Magaalaa Finfinnee Injinar Wandimmuu Seettaa Magaalattiin sadarkaa idil addunyaatti dorgomtuu fi magaalaa ammayyaa akka taatu gochuu keessatti gaheen qooda fudhattoota olaanaa ta’uu dubbataniiru.

Keessumattuu rakkoo kanaan dura balfa sirnaan maqsuu dhabuutiin walqabatee ture hubannoo hawaasaa gabbisuu fi waliin qindoomuun hojjatameen qulqullinni Magaalaa Finfinnee sadarkaa olaanaatti cee’uu ibsaniiru.

Hojiilee gama kenninsa tajaajilaa fi dhimmoota kanaan wal qabatan irratti hawaasatti dhihaachuun hojjatameen fooyya’insi gaariin jiraachuus himaniiru.

Balaawwan adda addaa akka hin mudanne ittisuu fi iddoolee misooma kooridariin hojjataman kunuunsuu fi dhalootaaf dabarsuu ilaachisees hojiileen bu’a qabeessa ta’an hojjatamaa jiraachuus kaasaniiru.

Waltajjii kanaaniis Magaalaa Finfinnee Sadarkaa ishee madaaluun misoomsuu fi kenninsi tajaajilaa si’ataa fi dhaqqamaa ta’e akka jiraatu gochuuf qindoominni qooda fudhaattootaa olaanaa ta’uun hubatamee, ogeessonni aartii, namoonni dhuunfaa dhiibbaa uuman, hoggantoonni miidiyaalee, kutaaleen hawaasaa kutaale magaalattii adda addaarraa walitti bahan fi kanneen biroo hirmaataniiruu. Akkasumas damee irratti boba’an irratti ga’ee isaan irraa eegamu akka bahataniif yaadamee waltajjii marii qophaa’e ta’uus eerameera.

Ji’oottan bara kanaa darbanitti gama qulqullinaa fi miidhagina magaalaa, damee nageenyaan, ittisa balaa, kenninsa tajaajilaa fi kanneen biro milkaa’ini hedduun galmaa’uus kaasaniiru.

Hojiilee dameewwan gara garaa xiyyeeffannoo addaatiin Magaalaa Finfinneetti ariitii fi qulqullina olaanaan hojjatamaa jiraniin magaalattiin fakkeenya Magaalota Afrikaa ta’uu akka dandeesse kan eeran Injinar Wandimmuun, magaalattiin sadarkaa addunyaatti dorgomtuu fi magaala dhaloota egereef mijattu akka taatuufi magaalaa jiraattotaa fi turistoonni gammachuun keessa turan akka taatu xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjatamu ta’uu ifoomsaniiru.

Waltajjii kanaan qooda fudhattooni marti hubannoo ga’aa qabaachuun wajjira Hoji-gaggeessaa waliin qindoominaan akka hojjatanii fi ogummaa fi dandeettii qabaniin tumsa irraa eegamu akka taasisaniif waamicha dhiheessaniiru.

Mahaammad Toofiq tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply