Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoona 4.7 dhiyaateera – Obbo Addisuu Araggaa

You are currently viewing Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoona 4.7 dhiyaateera – Obbo Addisuu Araggaa

AMN – Bitootessa 26/207

Naannoo Oromiyaatti hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoona 4.7 dhiyaachuu Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa ibsan.

Obbo Addisuu Araggaa ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin Naannoo Oromiyaatti bara oomishaa 2017/18f xaa’oo keemikaalaa kuntaala miiliyoona 10.5 dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Kana keessaa hanga ammaatti xaa’oon kuntaalli miiliyoona 4.7 dhiyaatee jira. Kan hafes ji’oota itti aanan keessatti kan dhiyaatu ta’a jedhaniiru.

Bara kana dhiyeessiin xaa’oo kana bara darbee waliin walbira qabamee yoo ilaalamu caalmaa kuntaala miliyoona 2 qabaachuu kan ibsan Obbo Addisuun yaaddoon hanqina dhiyeessii xaa’oo hinjiraatu jedhaniiru.

Gatii xaa’ootiin walqabatees, gatiin sharafa alaa, loojistikiisii akkasumas gatiin xaa’oo gabaa addunyaa irratti waan dabaleef gatiin xaa’oo dabalee jira.

Haala kana yaada keessa galchuudhaan mootummaan federaalaa xiyyeffannoo misooma qonnaaf kennaa jiru irraa kan ka’e xaa’oo kuntaala tokko irratti deeggarsa ( Subsidy) birrii kuma 3 fi 700 taasisee jira.’

Bara kana gatiin gurgurtaa xaa’oo Yuuriyaa birrii kuma 5 fi 845 yoo ta’u Daappiin ammoo birrii kuma 7 fi 778tiin dhiyaataa jira jedhan.

Dhiyeessiin xaa’oo bara kanaa osoo deeggarsa (subsidy) mootummaa hin qabu ta’ee gatiin Yuuriyaa kuntaala tokkoo birrii kuma 9 fi 545, gatiiin Daappii kuntaala tokkoo ammoo birrii kuma 10 fi 478 ta’a ture jedhan Obbo Addisuun.

Akka waliigalaatti xaa’oo Naannoo Oromiyaatti bara omishaa kana dhiyaatuuf deggersa mootummaan federaalaa taasise keessaa qonnaan bultootni naannoo keenyaa deggersa (subsidy) birrii biiliyoona 38 oli fayyadamaa ta’anii jiru.

Guyyaa har’aa sochii dhiyeessii fi raabsa xaa’oo godina Shawaa Bahaa Yuuniyeenii mana kuusaa Lumee Adaamaa fi raabsa xaa’oo Aanaa Lumee ganda Sharraa Dibaandibaa ilaallee jirra.

Xaa’oon bara kanaa yeroodhaan dhiyaachaa akka jiruufi qonnaan bulaa bira sirnaan gahaa akka jirus mirkaneeffannee jirra jechuun Obbo Addisuun ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply