Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Qiddus Goorgisiin injifate.

You are currently viewing Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Qiddus Goorgisiin injifate.

AMN PLUS-Eebla 06/2017

Pirimeerliigii Itoophiyaa Baankiin Daldala Itoophiyaa waliin kan walitti dhufe,Qiddus Goorgis injifatame.

Torbee 25 ffaa Pirimeerliigii Itophiyaa kana kan irra aane Baankiin Daldalaa Itoophiyaa Qiddus Goorgis kan injifate bara 1998 booda yeroo jalqabaafidha.

Galchii Murteessituu Baankii Daldalaa Itoophiyaaf daqiiqaa 21 irratti kan lakkoofsise Saayimin Piitar.

Baankiin Daldalaa Itoophiyaa injifachuu hordofee qabxii isaa gara 35 tti ol guddisuun sadarkaa 5 ffaa irra yoo taa’u,Qiddus Goorgis ammoo qabxii 31 sadarkaa 10 ffaa irratti argama.

Qiddus Goorgis Morkii itti aanun Jimaata Magaalaa Arbaamincii yoo keessummeessu, Baankiin Daldalaa Itoophiyaa ammoo Wiixata dhufu Magaalaa Hawaasaa waliin morkiin taasisu ni eegama.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply