Miira Riyaal Maadriidii fi Turtii Kaarloo Anchoolootii

You are currently viewing Miira Riyaal Maadriidii fi Turtii Kaarloo Anchoolootii

AMN PLUS – Ebla 09/2017

Tapha nuusa xumuraa shaampiyoonsi liigii Awurooppaan Riyaal Maadriid dirreessaa Santiyaagoo Bernaaboo irratti Arsenaaliin injifatamee morkichaan ala ta’uu hordofee dhimmi leenjisaa kilabichaa ajandaa miidiyaalee addunyaa ta’eera.

Kaarloo Achoolootii kilaba biyya isaanii Essimiilaanii hanga kilaba amma leenjisaa jiran Riyaal Maadriiditti waancaawwan gurguddaa 20 mo’achuun seenaa bareedaa qabu.

Kilaba Essimiilaan waliin waancaa Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 2 injifatanii kan turan leenjisaan ganna 65 Kaarloo Anchoolootin turtii isaanii Riyaal Maadriid marsaa lamaa kan bara faranjootaa 2013 hanga 2015 fi 2021 hanga ammaatii waancaawwan 15 injifataniiru.

Turtii marsaalee lamman Maadriidiin Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa 3 waancaa Laaliigaa Ispeen 2 waancaa koppaa Delaaree 2, waancaa mo’aa mo’attootaa Ispeen 2 , waancaa mo’aa mo’attootaa Awurooppaa 3, waancaa kilaboota Addunyaa 2 fi waancaa interkontiinentaalii 1 injifataniiru.

Kaarloo Anchoolootii turtii isaanii Santiyaagoo Bernaaboon waancaawwan gonfataniin kabajaa fi maqaa guddaa horatanis gahumsi kilaba Maadrid ammaa gadi bu’uun turtii fuula dura kilabichaa waliin qabaatan gaaffii keessa galcheera.

Maadriid tapha nuusa xumuraa Arsenaal waliin kaleessa galgala taphateen nuusa xumuraaaf gahee yoo gaggeeffamu bara Awurooppaanota 2020 as kan yeroo jalqabaati.

Morkii Laaligaa Ispeeniin masaanuu isaa Barseloonaan qabxii 4’n caalamee qabxii 66’n sadarkaa 2ffaarra kan jiru Maadriid Shampiyoonsi liigiin ala ta’uun isaa leenjisaa kilabichaa Anchoolootii dhiibbaa keessa galcheera.

Ancholootiin yaada taphichaan booda kennaniin Riyaal Maadriid waliin seenaa mo’amuu akkuma qabnu seenaa bareedaa injifannoon dabaalame hedduus hojjennee milkaa’ina galmeessineerra jedhan.

Xilxaltoonni kubbaa miilaa hedduun kilabichi sadarkaa deeggartootni isaa eeganitti argamuu dhabuun miirri Riyaal Maadriid ammaa fedhii jijjiirama barbaaduun kan guutame ta’uu agarsiisa jedhan.

Kun ammoo leenjisaan gameessi kilabichaa Kaarloo Anchoolootiin akka gaggeeffamuuf sababa ta’uu mala jechuurratti argamu.

Karloo Anchoolootiin Riyaal Maadriid waliin waliigaltee hanga bara Awurooppaanota 2026 mallatteessaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply