Gaaffii sabdanneesummaa magaalaa Finfinnee deebisuuf Afaan Amaaraa dabalatee afaanota biyyaatti sadiin leenjiin eeyyama konkolchisummaa akka kennamu eeyyamuusaa Abbaan Taayitaa Eeyyamaa fi To’annoo Konkolaachisaa fi konkolaataa beeksiseera.
Magaalaan Finfinnee magaalaa Itoophiyaanota hundaa waan taateef dhaabbilee leenjii konkolaachistummaa kennuuf eeyyamni kennameef 137 keessaa dhaabbileen 12 Afaan Amaaraan cinaatti Afaan Oromoofi Afaan Somaaleen leenjii kennuuf eeyyamamoo ta’aniiru.
Kanarraa ka’uunis dhaabbileen moodeela ta’an kunneen Afaanota Oromoo, Amaaraafi Somaaleen leenjiifi qormaata konkolaachistummaa akka kennan eeyyamameefii jira.
Leenjifamtoonni kanaan dura gaaffii afaanii kaasaa turanis afaan Amaaraan cinaatti Afaanota biyyattii lamaaniin leenjii fudhachuufi qoramuu akka danda’an ibsamuusaa Abbaa Taayitichaarraa odeeffanne.