“Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojii hunda bu’aa qabatamaan madaalaa deemuun barbaachisaadha” – Obbo Shimallis Abdiisaa

You are currently viewing “Fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf hojii hunda bu’aa qabatamaan madaalaa deemuun barbaachisaadha” – Obbo Shimallis Abdiisaa

AMN Ebla 15/2017

Qorannon raawwii hojii paartiifi mootummaa guyyoota lamaan darban Magaalaa Adaamaatti taa’amaa ture kallattii hojii itti aanu kaa’uun xumurameera.

Kurmaana sadan darban inisheetivoota hojiirra oolchuu, kenna tajaajilaa fooyyessuu,humnoota waloo qindeessuun misoomaaf oolchuuf hojii hojjetameen milkaa’inni argamuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsaniiru.

Karooraan hoogganamuuf kurmaana kana keessa hojiin hojjetame gaarii tahuu himan.

Gaaffiifi fedhiin misoomaa uummataa bal’aan waan jiruuf Injifannoo argametti quufuu osoo hin taane hojii caalu hojjechuuf kutannoon akka barbaachisus himan.

Hanga diinagdeen naannoo Oromiyaa gahu galii maddisiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qabas jedhan, Pireezidaanti Shimallis.

Karoora gabaabaa baafachuun yeroo hafe keessatti raawwii keessatti hojiiwwan harca’anii hafan milkeessuuf xiiqiin hojjetamuu akka qabus kallattii kennan.

Hawaasa hirmaachisuun karoora waggaa milkeessuuf hojjetamuu akka qabus hubachiisan.

Karoorri misoomaa bara 2018 sadarkaa naannootti bahe hanga gadiitti bu’uun qophii xumuraa taasisuun gara raawwiitti akka galamuuf kallattii kennaniiru.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraan gama isaaniin inisheetiiviiwwan hojiirra oolchuuf hojii hojjetameen milkaa’inni argamuu himan.

Tajaajila uummata keenya biraan gahuuf hojii hojjetameen mootummaa gandaa milkeesuuf hojiin hojjetames gaariidha jedhan.

Harcaatiiwwan hojii keessatti mul’atan kutannoo dabaluun yeroo gabaabaa hafe keessatti hojjetamuu akka qabus himaniiru.

Qorannoon raawwii hojii Paartiifi Mootummaa guyyoota lamaan darban Magaalaa Adaamaatti taa’amaa tures kallattiiwwan hojii jajjaboo kurmaana 4ffaa kaa’uun xumurameera.BKO

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply