Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee guyyaa injifannoo Raashaa waggaa 80ffaa irratti hirmaachuuf Mooskoo dhaqaniiru.
Waraanni addunyaa lammaffaa xumuramuu hordofee injifannoo Gamtaan Sooviyeet duraanii Naazii Jarman irratti goonfate yaadachuuf bor guyyaan injifannoo waggaa 80ffaan magaalaa guddoo Raashiyaa Mooskootti ni kabajama.
Pirezidaantii Chaayinaafi Biraaziil dabalatee hooggantoonni biyyoota addunyaa garagaraa ayyaanicharratti ni hirmaatu.
Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee kabaja guyyaa injifannoo kanaan cinaatti qaamolee garagaraa waliin dhimmoota waloorratti ni mari’atu jedhamee akka eegamu TOI’tu gabaase