Ijaarsa biyyaa keessatti gaheen Barsiisotaa olaanaa dha – Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu

You are currently viewing Ijaarsa biyyaa keessatti gaheen Barsiisotaa olaanaa dha – Hogganaa Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu

AMN PLUS Caamsaa 18/2017

Barsiisonni Magaalaa Finfinnee Keessatti Barsiisan Hojiilee Misoomaa Magaalattii Daawwachaa jiru.

Jalqabbii Sirna Daawwii kanarratti Ergaa kan dabarsan Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dr. Zalaalam Mulaatuu Barsiisonni Ijaarsa biyyaafi Dhalootaa keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uusaaniitiin, Misooma Magaalattii Daawwachuun hiikaa guddaa qaba jedhan.

Daawwannichaan Misooma ariitiifi Qulqullinaan Magaalicha keessatti gaggeeffamaa jiru caalatti akka hubataniifi biyyasaaniitti akka boonan akkasumas gahee itti gaafatamummaa dhaloota qaruu itti kenname kutannoon akka bahataniif kan isaan onnachiisu tahuus himaniiru.

Barsiisonni kunneen oolmaa isaaniin hojiilee Misooma Koridariin hojjataman, hojiilee Maaddii Guutuu, Giddu gala dandamachiisa Dubartootaa Lanagewaafi Pirojeektota misoomaa biroo kan daawwatan tahuun eerameera.

Mahaammad Toofiq’tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply