Hawaasni Muslimaa Magaalaa Finfinnee Hoggansa Majilisa itti aanuu waggoota 5’iif hawaasicha tajaajilu bakka buusuurratti dammaqinaan akka hirmaatu Pirezidaantiin Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Sheek Sulxaan Amaan Eebbaa waamicha dhiheessaniiru.
Manni Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee Waltajjii Guutuu Ulamaa’otaa Magaalattii dhimma filannoorratti xiyyeeffate gaggeessaa jira.
Pirezidaantiin Mana Marichaa Sheek Sulxaan Amaan Eebbaa sirna baniinsaarratti ergaa dabarsaniin baroottan darban keessatti fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuuf ciminaan hojjachaa turuu ibsaniiru.
Adeemsa filannoof akka biyyaafi Magaalaa Finfinneettiis qophiin taasifamaa turuu fi milkaa’inni hedduun argamuus ibsaniiru.
Hawaasni Muslimaa Magaalaa Finfinnee Hoggansa Majilisa itti aanuu waggoota 5’iif hawaasicha tajaajilu bakka buusuurratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiheessaniiru.
Sirna marii Ulamaa’otaa kanarratti Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa dabalatee Hoggantoonni Majilisa Federaalaa, Mana Maree Ol’aanaa Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa fi kanneen biroos argamaniiru.
Mahaammad Toofiq tu gabaase.