Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa guutummaatti dandeettii, Humnaafi beekkumsa mootummaafi uummata Itoophiyaan kan ijaaramedha akka ta’e Waajjirri Qindeessaa Piroojektii Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa ifoomseera.
Itti aantuun Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Waajjirichaa Aadde Fiqirtee Taammir ibsa miidiyaaleef kennaniin, Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa hirmaannaa Itiyoophiyaanonni maallaqaa, humnaa, beekumsaa, dippiloomaasiifi eegumsa naannoo taasisaniin milkaa’inaafi injifannoo olaanaa kan argame ta’uu ibsaniiru.
Bara baajataa 2017’tti Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 600 sassaabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuus eeraniru.
Wayita ijaarsi isaa eegalerraa kaasee gurgurtaa boondiifi kennaa biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 20 fi miiliyoonni 100, hawaasa diyaaspooraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 600 ol, galii garaagaraarraa Birrii biiliyoonni 1 fi miiliyoonni 700 sassaabamuus Aadde Fiqirtee Taammir ibsaniiru.
Guyyaa deeggarsa lammiilee walitti qabduun eegalamee hanga Waxabajjii 30/2017’tti Birrii biiliyoonni 23 fi miiliyoonni 600 ol hawaasarraa sassaabamuun ijaarsa hidhichaaf ooluu yaadachiisanii, hojiin humnaafi yaa’aa gadii hojjetame Birrii biiliyoona 84 fi miiliyoona 400 olitti kan tilmaamamu hojjetamuus Aadde Fiqirteen hubachiisaniiru.
Sisaay Dirribaatu Gabaase.