Filannoo 3ffaa Baarseloonaa kan ture Raashfoordi akkamiin gara 1ffaatti dhufe?

You are currently viewing Filannoo 3ffaa Baarseloonaa kan ture Raashfoordi akkamiin gara 1ffaatti dhufe?

AMN PLUS, Adoolessa 18/2017

Mul’atni Doktara kabajaa Maarkas Raashfoordi kilaba keessatti waa mara arge kilaba guddicha warra Ingilaandi Maanchistar Yuunaayitidiif taphachuu qofa ture.

Jalqabaa qabee miira injifannoo kilabichaa keessatti kan guddate Raashfoordi ilma maatii harka qalleeyyii irraa dhalatee Maanchistar qofaaf akka taphatu isa taasisuu yeroo garaagaraatti dhugoomeera.

Haata’uuti taphatichi gahumsa duraan qabu dhabuun leenjistoota kilabichatti jijjiiraman waliin tarkaanfachuuf rakkachuun taphataan filannoo jalqabaa kilaba Maanchistar ture bakka dhabuun akka ala ilaalu isa taasiseera.

Bara dorgommii pirimeerliigii Ingilaandi darbe ji’oota muraasa Astoon Viillaa waliin dabarsuun yaadannoo Raashfoordi isa dhiyoodha.

Amma garuu Ingiliz irraa miila fageeffachuun gara Laaligaa Ispeen kan imalee Maarkas Raashfoord ergisaan Baarseloonaaf mallatteessera.

Baarseloonaan amma Raashfoordiin haa mallatteessifatu malee dursa garuu Luuwis Diyaaziifi Niikoo Wiiliyaamsiin bakka taphatichaa barbaade ture. Kana jechuun Raashfoordi filannoo 3ffaa Baarseloonaa ture.

Baarseloonaan Raashfoordiin sarara qarqararraa fuula duraa gama bitaafi akkasuma akka lakkoofsa sagalittillee fayyadamuu yaadee tahuu garuu BBC dabalatee maddeen ispoortii idil addunyaa gabaasaa jiru.

Iddoosaa Abdiitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply