Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(Dr) Ministira Muummee Itilii Joorjiyaa Meeloniin simataniiru.
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad(Dr) ergaa toora miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Ministira Muummee Riippabliika Itiliifi Pirezidaantii Mana Maree Ministirootaa Joorjiyaa Meeloniin baga gara Itoophiyaa nagaan dhuftan jechuun simanneerra jedhan.
Biyyoonni lamaan yaa’ii Sirna Nyaataa 2ffaa Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii guyyoota sadiif geggeessu waliin qopheessuusaanii ibsaniiru.